በቀላሉ የመሥሪያ ማገናኛዎች

UNICEF Biyyootii AfriKaa hiyuummaan Miidheef Gargaarsa Gaafate



Daayrikteerri UNICEF kan gaanfa Africaa fi Africa gama kibbaa Elhad As Sy tuuta oduuf ibsa kennaniin balaan uumamaa fi harki namaa fide gaanfa Africaa fi Africa gama kibbaa keessatti heddummaachaa adeeme.

Bara 2010 keessa akka tilmaamnetti uummata naannoo sanaa miliyoona 17.4 ta’utu hiyuummaa hamaa fi hongee akkasumas walitti bu’iintu wabii nyaataa hin qaban.

Jarmichis projektiiwwan burundi Ertraa, Itiyoopiyaa, Kenya, Madagascar, Somalia, Uganda fi Zimbabwe keessaa gargaruuf kan oolu doolaara miliyoona dhibba sadii fi miliyoona sadii gaafatee jira.

Itiyoopiyaa keessaa hongee fi balaan lolaa hiyyummaa hamaa, hananqina bishaan dhugaatii qulqulluu fi beela dhaqqabsisee jira. Qonnaa rooba qofaa irratti hundaa’e eeggachuunis rakkoo hamaa ka biroo dha.

Jarmayaan gargaarsa daa’immanii kan TM waggaa waggaatti gargaarsa yeroo hatattamaa 200 ta’aniif deebii kenna.

XS
SM
MD
LG