በቀላሉ የመሥሪያ ማገናኛዎች

Tamboo xuuxuun hubaatii inni geessisu


http://media.voanews.com/images/main_top2.jpg

Afrikaa keessatti dhukkubonni Tamboo xuxuutti hidhatanii uumaman, rakko daran hamaa ka geessisaa jiran ta’uu Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa (WHO) ibsee jira.

Kutaalee Afrikaa hanga tokko keessatti waggootti dhufan 12 keessa tambootti gargaaramun ka dachaan dabalu tahuu gabaasaaleen haarawa bahan akeekkachisanii jiru.

Gareen “ Global Smoke Free Partnership “ jedhamu akka gabaasetti, uummata Afrikaa jiran keessaa dhibba irraa harka 90 ka ta’an, nama tamboo xuxxuu waliin waan jiraataniif, tamboo namni biraa xuuxuu irraa aarri bahu akka hafuuraan qaama isaanii hin seenne ittisuuf carraa hin qaban.

“Itiyoophiyaa keessatti Tamboo xuxuu akka biyyoota adunyaa ka biroo ittisuuf, seerri ba’e hin jiru” ka jedhan Yuniversitii Finfinnee Kutaa wal’ansa Fayyaatti, itti gaafatamaa waa’ee dhukkuba Sombaa ka ta’an Profesarrri-gargaaraan Amsalu Baqqalaa “ hubaatiin Tamboo xuxuun geessisu rakkoo dhabamuu fayyaa qofa otoo hin taane, rakko dinagdee fi hawaasummaa waliin illee hidhata qaba” jedhu.

XS
SM
MD
LG